Xiinxala Qabiyyee Walaloo Sirboota Hacaaluu Hundeessaa Miidhaafi Diddaa Agarsiisan

Main Article Content

Soofiyaa Huseen
Alamituu Olii
Abdusalaam A/Olii

Abstract

Sirna bulchiinsa biyya kanaa dhufaa darbu keessatti dhiibbaan uummata Oromoo irratti, gama hawaasummaa, siyaasaafi dinagdeetiin gahaa tureera. Uummanni Oromoos, gocha kana dura dhaabbachuun diddaa isaa bifa garaagaraatiin ibsachaa ture keessa tokko sirbatti fayyadamuunidha. Walaloo sirboota miidhaafi diddaa irratti qorannoo gaggeessuuf ka’umsa kan ta’e hojiin hojjetame bal’inaan kan hin jirre ta’uu isaati. Kaayyoon dimshaashaa qorannoo kanaa, walaloo sirboota Hacaaluu Hundeessaa qabiyyeen isaanii miidhaafi diddaa irratti xiyyeeffatanii bara 2013-2018 gidduutti bahan ergaa isaaniin xiinxaluudha. Qorannoon kun kan gaggeeffame walaloo sirboota 10 ta’an mala iddattoo xiyyeeffatan filataman irrattidha. Qorannoon Kun yaadxinoota hawaasummaa: faayidalessummaa, diddaafi hariiroo fakkoomii fayyadamuun ergaan ijoo walaloo sirboota kanaa Gama jireenya hawaasummaa, siyaasaafi dinagdeen jiru mul’isaniin xiinxalamaniiru. Malli qaaccessa ragaalee qorannoon kun ittifayyadame mala xiinxala ragaalee akkamtaadha. Ergaan ijoo xiinxala qabiyyee walaloo sirboota miidhaa mul’isan irratti gaggeeffame akka agarsiisutti, tokkummaa dhabuu, godaansa, dhiittaa mirga namoomaa (hidhaa, dararaa, ajjeechaa), haqa dhabuu, lafarraa buqqisuu, saamicha lafaa ta’uu agarsiiseera. Gama biraatiin, miidhaafi dhiibbaan uummata Oromoo gama hawaasummaa, siyaasaafi dinagdeetiin gahaa jiru jalaa bahuuf, falmii aangoo siyaasaa gaggeessuun mirga abbaa biyyummaa isaa mirkaneeffachuu akka qabu ergaan ijoo xiinxala qabiyyee walaloo sirboota diddaa bal’inaan ni mul’isa. Walumaagalatti, miidhaafi dhiibbaa gama hawaasummaa, siyaasaafi dinagdee uummata Oromoorra sirna kanaan gahaa ture jijjiiruu keessatti, weellisaan kun hojii artii isaatiin hubannoo uummataa uumuufi kakaasuun sagalee ta’uu irra darbee falmataa mirga saba isaa ta’uu isaa agarsiisa. Xumurarratti, gaheen walaloon sirboota weellistoota Oromoon weellifaman qabsoo uummata Oromoo keessatti qaban qabiyyeen isaanii xiinxalamee barreeffamaan dhaloota dhufuuf dabarsuu fi gara fuula duraatti xiyyeeffannaan itti kennamee qorannoon walfakkaatuu akka gaggeeffamu akeekuudha.

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Soofiyaa Huseen, S. H., Alamituu Olii, A. O., & Abdusalaam A/Olii, A. A. (2021). Xiinxala Qabiyyee Walaloo Sirboota Hacaaluu Hundeessaa Miidhaafi Diddaa Agarsiisan. Gadaa Journal, (Special/ma), 12-30. Retrieved from https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/3437
Section
Articles
Author Biographies

Soofiyaa Huseen, Yuunivarsitii Jimmaa

Damee Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruu

Alamituu Olii, Yuunivarsitii Jimmaa

Damee Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruu

Abdusalaam A/Olii, Yuunivarsitii Jimmaa

Damee Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruu