Qaaccessa Akkaataa Fayyadama Afaanii Sirboota Haacaaluu Hundeessaa Keessatti

Main Article Content

Margaa Abbabaa
Taaddasee Hirphaa

Abstract

Qorannoon kun akkaataa fayyadama afaanii sirboota Haacaaluu Hundeessaarratti xiyyeeffate. Kaayyoo guddaan qorannoo kanaa akkataa fayyadama afaanii sirboota Haacaaluu Hundeessaa keessatti mul’atan qaaccessuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala akkamtaa fi dayeessa bifeessummaatti dhimma baahame. Adeemsa kana keessattis weelluulee Haacaaluu Hundeessaa qeenxeen weellifaman sadii filachuun qaacceessa haasbarruu fi sakatta’a dokimantii fayyadamauun akkaataa itti fayyadama afaanii gama irradeddeebii dhaamsagootaa, bilbila sagalee, malleen dubbii fi akkaataan teessuma barreeffamaa walaloo mul’atan qaacceffamaniiru. Bu’uuruma kanaan firii qorannichaa gama irra deddeebii walalichaan walqabatee dhamsagoonni dubbifamaa fi dubbachiiftuu jalqabarraan, gidduu fi xumura bo’oowwan walaloo keessatti bal’inaan kan mul’atan ta’uun adda baheera. Bilbilli sagaleelees xumura bo’oowwanii irratti (aa, bb, cc, dd...) ta’uun kan mul’atanii fi darbee darbee (abab…) kan keessatti argaman ta’uun beekameera. Akkaataa itti fayyadama malleen dubbiin walqabatees sirboota filataman keessatti atee, habalaka, arbeessuu, mitihee, nameessuu, fakkoommii / mallattoon nimul’atu. Gama biraan immoo akkaataa teessuma walaloo Haacaaluun walqabatee irradeddeebiin jechoota bo’oowwaan walaloo adda addaa keessatti mul’ateera. Akkasumas, bilbilli sagalee darbee darbee walsimachuu dhabuun nicaliqqisa. Ta’us, dhimmoonni akkasii kallattii barbaadameen ergaa dabarfachuuf kan oolu ta’uu qorannichi adda baaseera. Kana malees, sirboonni Haacaaluu ibsoota seenaa, eenyummaa fi kkf’n badhaadhoo waan ta’aniif ogeeyyiin ogumaa qaawwa gama kanaan mul’atu haagutaniin yaboo qorannichaati.

Article Details

Section

Articles

Author Biographies

Margaa Abbabaa, Yuunivarsiitii Jimmaa

Koolleejjii Saayinsii Hawaasaa fi Namoomaa

Taaddasee Hirphaa, Yuunivarsiitii Jimmaa

Koolleejjii Saayinsii Hawaasaa fi Namoomaa

How to Cite

Qaaccessa Akkaataa Fayyadama Afaanii Sirboota Haacaaluu Hundeessaa Keessatti. (2022). Gadaa Journal, Special/ma, 31-48. https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/3448

References