Xiinxala Walsimata Silabasoota Afaan Oromoo kutaa 5-8fi Qormaata Xumura Sadarkaa 1ffaa Afaan Oromoo Kutaa 8ffaa

Main Article Content

Abbabaa Baqqalaa
Taammenee Kitilaa
Alamuu Waqgaarii3

Abstract

 


Qorannoon kun qabiyyeewwan silabasoota Afaan Oromoo kutaa 5-8fi qormaata xumura sadarkaa 1ffaa Afaan Oromoo kutaa 8ffaa (2008 -2011 A.L.I) gidduu walsimata jiru kan xiinxaledha.Kaayyoo kana galmaan ga’uufis saxaxni qorannoo walmakaa (mixed approach) hojiirra ooleera.Bu’uura saxaxa kanaanis qaaccessiqabiyyee silabasootaafi qormaatawwanii gaggeeffameera. Kana malees, afgaaffiin miti-caaseffamaa qopheessitoota qormaata xumura sadarkaa 1ffaa Afaan Oromoo kutaa 8ffaa (QXSTAO) mala iddattoo argameefi darba dabarsaan (availability and snowball sampling technique) filaman afur(4) waliin gaggeeffameera. Haaluma kanaan, qabiyyeewwan silabasootaafi QXSTAO keessatti argaman, akkasumas walsimanni kaayyolee barumsaafi qormaata xumuraa kana gidduu jiran lakkoofsaafi dhibbentaan qaacceffamuun ibsamaniiru. Ragaan afgaaffiis hariiroo qormaataafi silabasoota gidduu jiruun walqabatee ragaalee hammamtaa mirkaneessuuf kan tajaajile yoo ta’u, dabalataanis dhimmoota walsimatarratti dhiibbaa geessisan adda baasuurratti xiyyeeffachuun qaacceffameera. Kanarraa ka’uun, bu’aan argannoo qorannoo kanaa akka mul’isetti, qabiyyeewwan dandeettii dubbisuu qofa akka waliigalaatti qabiyyee silabasootaa keessatti uwwisa qabaniin QXSTAO keessatti bakka bu’insa walsimataa ta’e argataniiru. Kanaan alatti, qabiyyeewwan dandeettii barreessuu, dhaggeeffachuu, dubbachuu, seerlugaafi ogbarruun uwwisa isaan silabasootaafi QXSTAO keessatti qaban kan walsimatu ta’ee hinargamne. Kanaan walqabatees, adeemsa walsimachiisa silabasoota barnootaafi QXSTAO keessatti, unkaaleen qormaataa filannoo qofa ta’uu, qophiin qormaata xumuraa qormaatawwan baroota darban bu’uureffachuufi hanqinni ga’umsa kitaabota barattootaa dhimmoota ijoo qopheessitoota qormaata xumura sad.1ffaa Afaan Oromoo kanarratti kan dhiibbaa geessisan ta’uu bu’aan argannoo qorannichaa mirkaneesseera. Kunimmoo raawwii barattootaafi barsiisotaarratti dhiibbaa hi’eentaa ta’e (negative washback) geessisuutiin, galma ga’umsa kaayyolee barnootaarratti dhiibbaa cimaa kan geessisuu danda’udha.Kanaafuu, Biiroon Barnoota Oromiyaa walsimata QXSTAOfi silabasootaa madaaluu, ga’umsa kitaaba barattootaa eegsisuufi qopheessitoota QXSTAOtiif leenjii kennuurratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba.


 


 


 

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Abbabaa Baqqalaa, A. B., Taammenee Kitilaa, T. K., & Alamuu Waqgaarii, A. W. (2021). Xiinxala Walsimata Silabasoota Afaan Oromoo kutaa 5-8fi Qormaata Xumura Sadarkaa 1ffaa Afaan Oromoo Kutaa 8ffaa. Gadaa Journal, 4(2), 59-82. Retrieved from https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/3457
Section
Articles
Author Biographies

Abbabaa Baqqalaa, Institute of Language studies & Journalism

Wollega University

Taammenee Kitilaa, College of Language studies, Journalism & Communication

Addis Ababa University

Alamuu Waqgaarii3, Institute of Language Studies & Journalism

Wollega University