Xiinxala Adeemsa Moggaasa Jechootaa: Jechoota Garee Qorannoo Moggaasa Jechootaafi Waaltina Afaan Oromoo Moggaaserratti kan xiyyeeffate

Main Article Content

Damee Abarraa
Wandimmuu Taganyee
Guddataa Abdiisaa

Abstract

Qorannoon kun adeemsa Gareen Qorannoo Moggaasa Jechootaafi Waaltina Afaan Oromoo jechoota afaanichaa ittiin moggaasu xiinxaluu irratti xiyyeeffate. Iddattoowwan adda addaa irraa ragaalee ibamuu qaban walitti qabuuf waan gargaaruuf, saxaxni ibsaa hojiirra oolee jira. Maddi ragaalee isaa ammoo, tokkoffaafi lammaffaadha. Malli iddatteessuu iddattoowwan filachuudhaaf hojiirra oole, kaayyeffataadha. Ragaaleen madda tokkoffaa bargaaffiifi afgaaffii gartokkeen caaseffamaatiin walitti qabamani. Kan madda lammaffaa garuu, sakatta’a kuufatootaatiin funaanamani. Ragaalee funaanaman xiinxaluuf malli qorannoo hojiirra oole, mala qorannoo walmakaati. Firiin secca’a ragaalee adeemsisuudhaan argame akka agarsiisutti ogeeyyiin Garee Qorannoo Moggaasa Jechootaafi Waaltina Afaan Oromoo keessatti hirmaatan xalayaadhaan biiroolee Oromiyaa adda addaa irraa walitti waamamu. Isaanis ogeeyyii xiinqooqaati. Bakka ogeeyyiin xiinqooqaa dhabamanitti kanneen ogummaa itti dhi’eenyaatu qabanitu filatama. Isaanuma keessaayyuu, kan fedhiifi kutannoo qabutu argama. Kanaafuu, adeemsa ijaarama miseensotaa garee kana irratti ogeeyyii dirree qo’annoofi looga afaanichaa adda addaa keessaa ba’an hanga barbaachisuun hirmaachaa hinjirani. Akkasumas, miseensonni bifa kanaan ijaaraman jechoota moggaasaman akkuma argatanitti walitti qabu. Mudannoofi rakkoolee argan bu’uura godhatanii yaadannoo qabachuudhaan funaanu. Sana booda, ga’umsa jechoota funaanamanii yaa’ii gareetu mariidhaan mirkaneessa. Itti aanee, kora waggaatti haal tokko waamamee guyyoota lamaaf taa’utu ga’umsa jechoota waggaa tokkoof walitti qabamanii raggaasisa. Haata’u malee, yaai’iis ta’ee, kora irratti ulaagaaleen safarrii ga’umsi jechootaa ittiin mirkanaa’u yookaan raggaasisamu hinjirani. Mariifi walii galteedhaan hojjatama. Haaluma kanaan, gareen kun erga ijaaramee jalqabee hanga ammaatti (waggootii 26 keessatti) jechoota 1,959 moggaasee maxxansiisee jira. Waggaatti giddu galeessaan jechoota 75 moggaasaa ture jechuudha. Kun muuxannoo jiruun walbira qabamee yoo ilaalame, ga’aa miti. Walumaa galatti, adeemsi ijaarama garee hirmaachisaa ta’uu dhabuun, qajeelfamni hojii adeemsa moggaasaa dhabamuufi yeroon mirkaneeffannaa ga’umsa jechootaa gabaabaa ta’uun saffisa adeemsa moggaasaa miidhee jira. Kun ammoo, adeemsa waaltina Afaan Oromoo kan gufachiisu ta’a. Kana hambisuuf, gareen ogeeyyii dirreewwaniifi looga afaanichaa adda addaa keessaa walitti dhufan irraa bifa dhaabbataa ta’een osoo ijaaramee gaarii ta’a. Qajeelfama saayinsawaa hojiichaa barbaachisu qopheessuunis adeemsa hojichaa milkeessuu keessatti gahee olaanaa taphata.


 

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Damee Abarraa, D. A., Wandimmuu Taganyee, W. T., & Guddataa Abdiisaa, G. A. (2021). Xiinxala Adeemsa Moggaasa Jechootaa: Jechoota Garee Qorannoo Moggaasa Jechootaafi Waaltina Afaan Oromoo Moggaaserratti kan xiyyeeffate. Gadaa Journal, 4(2), 110-128. Retrieved from https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/3459
Section
Articles
Author Biographies

Damee Abarraa, Dhaabbata Qo‟annoo Afaaniifi Gaazexeessummaatti Kaadhimamaa

Yuunivarsiitii Wallaggaa

Wandimmuu Taganyee, Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa

Ambo Univeristy 

Guddataa Abdiisaa, Dhaabbata Qo‟annoo Afaaniifi Gaazexeessummaa

Yuunivarsiitii Wallaggaa