Xiinxala Walsimata Silabasoota Afaan Oromoo kutaa 5-8fi Qormaata Xumura Sadarkaa 1ffaa Afaan Oromoo Kutaa 8ffaa

Main Article Content

Abbabaa Baqqalaa
Taammenee Kitilaa
Alamuu Waqgaarii

Abstract

Qorannoon kun qabiyyeewwan silabasoota Afaan Oromoo kutaa 5-8fi qormaata xumura sadarkaa 1ffaa Afaan Oromoo
kutaa 8ffaa (2008 -2011 A.L.I) gidduu walsimata jiru kan xiinxaledha.Kaayyoo kana galmaan ga’uufis saxaxni qorannoo
walmakaa (mixed approach) hojiirra ooleera. Bu’uura saxaxa kanaanis qaaccessi qabiyyee silabasootaafi
qormaatawwanii gaggeeffameera. Kana malees, afgaaffiin miti-caaseffamaa qopheessitoota qormaata xumura sadarkaa
1ffaa Afaan Oromoo kutaa 8ffaa (QXSTAO) mala iddattoo argameefi darba dabarsaan (availability and snowball
sampling technique) filaman afur(4) waliin gaggeeffameera. Haaluma kanaan, qabiyyeewwan silabasootaafi QXSTAO
keessatti argaman, akkasumas walsimanni kaayyolee barumsaafi qormaata xumuraa kana gidduu jiran lakkoofsaafi
dhibbentaan qaacceffamuun ibsamaniiru. Ragaan afgaaffiis hariiroo qormaataafi silabasoota gidduu jiruun walqabatee
ragaalee hammamtaa mirkaneessuuf kan tajaajile yoo ta’u, dabalataanis dhimmoota walsimatarratti dhiibbaa geessisan
adda baasuurratti xiyyeeffachuun qaacceffameera. Kanarraa ka’uun, bu’aan argannoo qorannoo kanaa akka mul’isetti,
qabiyyeewwan dandeettii dubbisuu qofa akka waliigalaatti qabiyyee silabasootaa keessatti uwwisa qabaniin QXSTAO
keessatti bakka bu’insa walsimataa ta’e argataniiru. Kanaan alatti, qabiyyeewwan dandeettii barreessuu,
dhaggeeffachuu, dubbachuu, seerlugaafi ogbarruun uwwisa isaan silabasootaafi QXSTAO keessatti qaban kan walsimatu
ta’ee hinargamne. Kanaan walqabatees, adeemsa walsimachiisa silabasoota barnootaafi QXSTAO keessatti, unkaaleen
qormaataa filannoo qofa ta’uu, qophiin qormaata xumuraa qormaatawwan baroota darban bu’uureffachuufi hanqinni
ga’umsa kitaabota barattootaa dhimmoota ijoo qopheessitoota qormaata xumura sad.1ffaa Afaan Oromoo kanarratti
kan dhiibbaa geessisan ta’uu bu’aan argannoo qorannichaa mirkaneesseera. Kunimmoo raawwii barattootaafi
barsiisotaarratti dhiibbaa hi’eentaa ta’e (negative washback) geessisuutiin, galma ga’umsa kaayyolee barnootaarratti
dhiibbaa cimaa kan geessisuu danda’udha. Kanaafuu, Biiroon Barnoota Oromiyaa walsimata QXSTAOfi silabasootaa
madaaluu, ga’umsa kitaaba barattootaa eegsisuufi qopheessitoota QXSTAOtiif leenjii kennuurratti xiyyeeffatee hojjechuu
qaba.

Article Details

How to Cite
Baqqalaa, A., Kitilaa, T., & Waqgaarii, A. (2022). Xiinxala Walsimata Silabasoota Afaan Oromoo kutaa 5-8fi Qormaata Xumura Sadarkaa 1ffaa Afaan Oromoo Kutaa 8ffaa. Gadaa Journal, 5(1), 59-82. Retrieved from https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/3661
Section
Articles
Author Biographies

Abbabaa Baqqalaa, Institute of Language studies & Journalism

Wollega University, 

Taammenee Kitilaa, College of Language studies, Journalism & Communication

Addis Ababa University,

Alamuu Waqgaarii, Institute of Language Studies & Journalism

Wollega University,