Xiinxala Beekumsa Tuut-jecha Afaan Oromoo Barattoota Kutaa 5-8: Warra Akka Afaan Dhalootaatti Baratan

Main Article Content

Taasisaa
Shiimallis
Filee

Abstract

Qorannoon kun xiinxala beekumsa tuut-jecha Afaan Oromoo barattoonni kutaa 5-8 horatan irratti geggeeffamee jira. Hanga qorataan kun sakatta’ee hubatetti dhimma kanarratti qorannoon amma yoonaatti sadarkaa kanatti geggeeffame hinjiru. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas beekumsa tuut-jecha Afaan Oromoo
barattoonni kunneen horatan xiinxaluudha. Saxaxi qorannoo kanaa saxaxa ibsaa (descriptive research design)dha. Malli qorannicha geggeessuu keessati dhimma itti ba’ame immoo mala qorannoo walmakaadha. Ragaaleen qorannoo kanaa madda ragaa 1ffaa irraa funaanaman. Kunis Bulchiinsa Magaalaa Ambootti barattoota manneen barnootaa Liiban Maccaa, Awwaaroo, Amboofi Addis Katamaa sadarkaa 1ffaa kutaa 5-8fi barsiistota Afaan Oromoo manneen barnootaa kanneenii barsiisan turan. Malli iddatteessuu qorannoo kanaas mala kaayyeffataafi carraa salphaati. Toofaaleen ragaa funaanuuf dhimma itti ba’aman immoo qorumsaafi daawwannaa dareeti. Argannoowwan qorannoo kanaas beekumsa tuut-jecha Afaan Oromoo barattoonni manneen barnootaa bulchiinsa magaalaa Amboo sadarkaa 1ffaa kutaa 5, 6fi 8 horatan baay’ee gadaanaa ta’uu adda ba’eera. Sababni isaas firiiwwan qorumsaa barattoota kutaa shanii %77, kutaan ja’a %53.5, kutaan saddeetti %58.4 ta’an walakkaa gadi deebisan waan ta’eefidha. Akkasumas, ragaan xiinxala daawwannaa daree irraa argame akka ibsutti, deebiiwwan barattoonni baay’een gilgaalota tuut-jechaaf daree keessatti kennan harki caalaan sirrii waan hintaaneefidha. Garuu firiiwwan qorumsaa barattoota kutaa torbaa %75.3 walakkaa ol waan ta’eef beekumsa tuut-jechaa Afaan Oromoo isaan horatan akka waliigalaatti fooyya’aa ta’uun hubatameera. Haata’u malee, firii isaan jechoota waliin deemaniifi jechoota jechi tokko irraa ijaarame addaan baasuu irratti fidan %100 walakkaa gadi waan ta’eefi deebiiwwan barattoonni kunneen gilgaalota tuut-jechaaf daree keessatti kennan baay’inaan sirrii waan hintaaneef, beekumsi isaan tuut-jecha afaanichaarratti horatan ga’aa miti. Kanaaf, beekumsi tuutjecha Afaan Oromoo barattoota kutaa 5-8 akka waliigalaatti horatan rakkoo akka qabu adda ba’eera. Rakkoo kana furuuf, qaamni sirna barnootaa Afaan Oromoo qopheessu, ogeeyyiin barnootaa afaanichaa, akkasumas, waajjirri barnootaa aanaaleefi barsiistonni afaanichaa manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa waliin ta’uun hojjechuutu isaan irraa eegama.

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Kumsaa, T., Maazengiyaa, S., & Jaallataa, F. (2023). Xiinxala Beekumsa Tuut-jecha Afaan Oromoo Barattoota Kutaa 5-8: Warra Akka Afaan Dhalootaatti Baratan. Gadaa Journal, 6(1), 48-69. Retrieved from https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/4506
Section
Articles
Author Biographies

Taasisaa , Dhaabbata Qo’annoo Afaaniifi Gaazexeessummaa

Yuunivarsiitii Wallaggaa

Shiimallis , College of Humanities Language Studies, Journalism and Communication

Addis Ababa University

Filee , College of Humanities, Language Studies, Journalism and Communication

Addis Ababa University