Xiinxala Beekumsa Tuut-jecha Afaan Oromoo Barattoota Kutaa 5-8: Warra Akka Afaan Dhalootaatti Baratan
Main Article Content
Abstract
Qorannoon kun xiinxala beekumsa tuut-jecha Afaan Oromoo barattoonni kutaa 5-8 horatan irratti geggeeffamee jira. Hanga qorataan kun sakatta’ee hubatetti dhimma kanarrattis qorannoon amma yoonaatti sadarkaa kanatti geggeeffame hinjiru. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas beekumsa tuut-jecha Afaan Oromoo barattoonni kunneen horatan xiinxaluudha. Saxaxi qorannoo kanaa saxaxa ibsaa (descriptive research design)dha. Malli qorannicha geggeessuu keessati dhimma itti ba’ame immoo mala qorannoo walmakaadha. Ragaaleen qorannoo kanaa madda ragaa 1ffaarraa funaanaman. Kunis barattoota manneen barnootaa Amboo, Liiban Maccaa, Awwaaroofi Addis Katamaa sadarkaa 1ffaa kutaa 5-8fi barsiistota Afaan Oromoo manneen barnootaa kanneenii barsiisan turan. Malli iddatteessuu qorannoo kanaas mala kaayyeffataafi carraa salphaati. Toofaaleen ragaa funaanuuf dhimma itti ba’aman immoo daawwannaafi qorumsadha. Argannoon qorannoo kanaas firiiwwan qorumsaa barattoota kutaa shanii %77, kutaan ja’a %53.5, kutaan saddeetti %58.4 ta’an walakkaa gadiifi firiin daawwannaa daree irraa argame akka ibsuttis deebiiwwan barattoonni baay’een gilgaalotaaf daree keessatti kennan harki caalaan sirrii waan hintaaneef beekumsa tuut-jecha Afaan Oromoo isaan horatan gadaanaadha. Garuu firiiwwan qorumsaa barattoota kutaa torbaa %75.3 walakkaa ol waan ta’eef beekumsa tuut-jechaa Afaan Oromoo barattoonni kunneen horatan akka waliigalaatti fooyya’aa yoo ta’ellee, firiiwwan isaan gama jechoota waliin deemaniifi jechoota jechi tokko irraa ijaarame addaan baasuu irratti argatan %100 walakkaa gadi ta’uufi deebiiwwan barattoonni kunneen gilgaalotaaf daree keessatti kennan baay’inaan sirrii waan hintaaneef, beekumsi tuu-jechaa isaan afaan kanarratti horatan gadaanaadha. Kanaaf, beekumsi tuutjecha Afaan Oromoo barattoota kutaa 5-8 horatan akka waliigalaatti rakkoo akka qabu adda ba’eera. Rakkoo kana furuuf, qaamni sirna barnootaa Afaan Oromoo qopheessuufi ogeeyyiin barnootaa afaanichaa, akkasumas, waajjirri barnootaa bulchiinsa magaalaa Amboofi barsiistonni Afaan Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa waliin ta’uun hojjechuutu isaan irraa eegama.
------------------------------------------------------------------------------------------------------