Sababoota Milkaa’ina Leenjii Dubbarree Barsiisotaa Tajaajila Duraa Irratti Dhiibbaa Taasisan Xiinxaluu: Kolleejjii Barnootaa Barsiisotaa

Main Article Content

Merga Gemeda

Abstract

Qorannoon kun, Oromiyaa  Dhiyaa Dhiyaa tti Kolleejjii barnootaa barsiisotaa keessatti,, milka a’ina a’ina leenjiidubbarree barsiisotaa tajaajila duraa  irratti,sababoota dhiibbaa taasisan xiinxalame.Qorannoon kun, mala dhiyeenya walmakaatti gargaaramuun saxaxa sakatta’a ibsaan qindaa’eera. Iddeetteessuutiin, kolleejjii barnootaa barsiisootaa istiriimii saayiinsii uumamaa  fi hawaasaa leenjiifamtoota waggaa 3ffaa keessaa 180 mala carraan yoo filataman;  leenjiistoota 30 mala hammargeen fudhataman. Ragaalee guuruuf, bargaaffii, afgaaffii, galmee sakatta'uu fi marii garee  xiyyeefannootti dhimma ba'ameera. Qaaccessuuf ammoo, modeela istatiksii ibsaa, t-testii iddattoo dhaabbataafi liiner riigireeshiniitiin gargaarame. Argannoon ijoon Argannoon ijoon Argannoon ijoon  sababoota leecallooniifi yeroon leenjii ga’aan dhibuun, leenjistoonni walitti fufiinsaan leenjisuufi qophii ga’aa gochuu dhabuu, leenjifamtoonni hordoffii dhabuu; leenjifamtoonni ofitti hamanannaa dhabuufi hanga barbaadameen oli kutaatti baay’achuun milkaa’ina leenjii dhubbarree irratti kanneen dhiibbaa hinta’umsaa geessisan ta’uu adda ba’e. Inni biraan, koorsiin leenjii dubbarreef qophaa’ee jiruu leenjifamtoota milkeessuu irratti, qulqullinaafi mijaa’ummaa kan hinqabne, ogummaa dub-barree barsiisuu leejifamtootaa kan hinmilkeessine, innuu torbeetti wayitiin ramadame lama qofa ta’uu mul’ate. Kanaaf, argannoo qo’annoo kanaan mul’ate irraa ka’uun, kaayyoo sagantaa leenjii kanaa galmaan ga’uuf BBO, KBB’fi qaama dhimmi ilaallatuun, osoo xiyyeeffannoon itti kennamee irratti hojjetamee, qulqullina leenjiifi leenjifamtoota milkeessuuf fala ta’a.


 

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Gemeda, M. (2023). Sababoota Milkaa’ina Leenjii Dubbarree Barsiisotaa Tajaajila Duraa Irratti Dhiibbaa Taasisan Xiinxaluu: Kolleejjii Barnootaa Barsiisotaa. Gadaa Journal, 6(1), 55-71. Retrieved from https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/4731
Section
Articles
Author Biography

Merga Gemeda, Wollega University, Institute of ILSJ Oromo Language and Literature Department

Wollega University, Institute of ILSJ Oromo Language and Literature Department