Xiinxala Maqaalee Nama Dhuunfaa Oromoo Booranaa: Ija Xiinjecha Afaan Oromootiin

Main Article Content

Dabalaa Tamasgeen
Alamaayyoo Faqqadaa
Aliimaa Jibriil

Abstract


Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa, maqaalee nama dhuunfaa Oromoo Booranaa ija xiinjecha Afaan Oromootiin xiinxaluudha. Kaayyoon gooree immoo, akkaataa uumamsaafi caasaa maqaaleen nama dhuunfaa Oromoo Booranaa qaban ibsuudha. Sababni kaayyoon kun xiyyeeffatameefis, qaawwi
qorannoo jiraachuu; akkaataa uumamsaafi caasaa maqaaleen kunniin qaban qorachuun barreeffamaan olkaa’uufiidha. Malli qorannichaa akkamtaa ta’ee, akaakuun isaa ibsaadha. Maddi ragaalee, madda ragaa tokkoffaafi lammaffaati. Malli iddatteessuu, iddatteessuu mit-carraa keessaa kayyeeffataadha.
Tooftaalee ragaaleen ittiin guuraman immoo, afgaaffiifi qaaccessa dookimantiiti. Ragaaleen guuraman kunniin, yaaxxina xiinlatawaa jechootaa bu’uura taasifachuun mala ibsaatiin xiinxalaman. Ragaalee xiinxalaman irraa bu’aan argame: Maqaaleen nama dhuunfaa Oromoo Booranaa, walitti qindoomina
gareewwan jechootaafi qaamota jechoota Afaan Oromoo garagaraafi latiilee irraa kan uumamaniifi amaloota garee jechaa afaanichaa kan calaqqisiisaniidha. Innis, walitti qindoomina maqibsaafi latiilee, maqaalee biroofi latiilee, jechoota qabiyyeefi jechoota tajaajilaa, jechoota tajaajilaafi bamaqaa,
hundee jechaafi latiileerraa; maqibsii qofarraa; jechoota qabiyyee qofarraa; jechoota tajaajilaa qofarraa; adeemsa kutanii hidhuutiin kan uumamaniidha. Haalota kana keessatti latiileen /-aa/, /-a/, /ϕ/, /-cha/, /-tuu/, /-tii/, /-oo/, /-o/, /a-/, /-sa/, /-ee/, /-e/, /-lee/, /-ii/ jedhaman haala garagaraan fufamuun
tajaajila maqeessuu, murteessuufi koorniyaa agarsiisu. Caasaa maqaaleen haala kanaan uumaman qaban immoo, amala jecha salphaa, dachaa, xaxamaafi dachaa xaxamaa Afaan Oromoo calaqqisiisu. Gabaabumatti, maqaan ogumdaneessa waan ta’eef, qorattoonni yaaxxina xiinlatawaa jechootaas ta’e,
kallattii biroon uunkaafi caasaa maqaaleen nama dhuunfaa yeroo ammaa galumsa aadaa Oromoo garagaraa keessatti moggaaffamaa jiran, qorachuun ifoomsuun barbaachisaadha. Akkasumas, hayyoonni xiinqooqaa qorannoowwan gama xiinqooqa Afaan Oromootiin jiran muraasa waan ta’aniif,
osoo xiyyeeffannoo addaatiin irratti hojjetamee gaariidha.

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Tamasgeen, D., Faqqadaa, A., & Jibriil, A. (2024). Xiinxala Maqaalee Nama Dhuunfaa Oromoo Booranaa: Ija Xiinjecha Afaan Oromootiin. Gadaa Journal, 7(1), 105-120. Retrieved from https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/5316
Section
Articles
Author Biographies

Dabalaa Tamasgeen, Yuunivarsiitii Wallaggaa Dhaabbata Qorannoo Afaaniifi Gazexeessummaatti Kaadhimamaa PhD;

Yuunivarsiitii Wallaggaa Dhaabbata Qorannoo Afaaniifi Gazexeessummaatti Kaadhimamaa PhD;

Alamaayyoo Faqqadaa, Yuunivarsiitii Jimmaa Kollejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa;

Yuunivarsiitii Jimmaa Kollejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa;

Aliimaa Jibriil, 3Yuunivarsiitii Wallaggaa Dhaabbata Qorannoo Afaaniifi Gazexeessummaa

3Yuunivarsiitii Wallaggaa Dhaabbata Qorannoo Afaaniifi Gazexeessummaa