Qaaccessa Raawwii Duudhaa Gondoroo Gujiifi Gede’oo Gidduutti Waldhabdee Dhaabuufi Nagaa Buusuuf Raawwatamu

Main Article Content

Ashebir Tadesse
Tadesse Jaleta

Abstract

Gujiifi Gede’oon hawaasa obboleeyyiidha. Akka tasaa gidduu isaanitti waldhabdeen hoo muudatu tooftaa waldhabdee dhaabuufi nagaa buusuu Gondoroo raawwatu. Barruun kun raawwii duudhaa Gondoroo Gujiifi Gede’oo gidduutti waldhabdee dhaabuufi nagaa buusuuf raawwatamu ibsuurratti xiyyeeffata. Kaayyoo kana galmaan gahuuf qorataan mala qorannoo akkamtaa ibsaatti fayyadamuudhan raawwiin Gondoroo adeemsa qabu, gochaalee duudhaa raawwii Gondoroo keessatti raawwatamaniifi hiikkaa duudhaa gochaaleen qaban ibseera. Eenyummaafi gahee raawwachiistotataas ibseera. Qorannicha keessatti malleen qorannoo afgaaffi, marii gareefi sakatta’a qabiyyee kan hojiirra oolan hoo ta’u, tooftaa iddatteessuu kaayyootiin maddoota odeeffannoo hawaasa Gujiifi Gede’oo keessaa hayyuuwwan gosaa Gondoroo raawwachiisan filatamanii odeeffannoon qorannoo irraa funaanameera. Argannoon qorannoo kanaa akka mul’isutti Gondoroon kan raawwatamu obboleessa obboleessa ajjeeseef hoo ta’u, Gondoroon Gujiifi Gede’oo gidduutti raawwatamu adeemsa walgahuu Abbootii Gadaa Gujiifi Gede’oo, falachuu, dubbii qoruu, araara gochuu fi sirna Gondoroo raawwachuun guduunfuu qaba. Raawwii Gondoroo booda hawaasni hariiroo waliin jireenya duraan turetti deebi’a. Raawwii Gondoroo booda wal hammachuu, soddoomuufi walgargaaranii gara jireenya nagaa dura turetti deebi’uun aadaadha.

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Tadesse, A., & Jaleta, T. (2024). Qaaccessa Raawwii Duudhaa Gondoroo Gujiifi Gede’oo Gidduutti Waldhabdee Dhaabuufi Nagaa Buusuuf Raawwatamu. Gadaa Journal, 7(2), 29-44. Retrieved from https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/5656
Section
Articles
Author Biographies

Ashebir Tadesse, Dilla University, College of Social Science and Humanities

Dilla University, College of Social Science and Humanities

Tadesse Jaleta, Addis Ababa University, College of Humanities, Language Studies and Journalism and Communication

Addis Ababa University, College of Humanities, Language Studies and Journalism and Communication