Uumama Ulfoo: Tulluu Cuqqaalaa Ija Ilaalcha Oromoo Tuulamaatiin

Main Article Content

Dirribaa Tarrafaa
Taaddasaa Jaalataa

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa hariiroo Oromoon Tuulamaa Uumama Ulfoo Tulluu Cuqqaalaa wajjin qabu xiinxaluudha. Qorannoo kana gaggeessuuf maleenyi qorannoo sanyaabaafi seenawaa (Ethnographic & historical research approach) hojiirra ooleera. Jamaa ragaan qorannoo kanaaf oole irraa funaaname filachuuf akaakuu iddattoo miti carraa keessaa tooftaa iddatteessuu kaayyeffataafi darbaa dabarsaatti dhimma bahee jira. Odeeffattoota tooftaalee kanneeniin filataman irraa ragaa walitti qabuuf meeshaaleen funaansa ragaa daawwannaa hirmaachisaa, afgaaffii, qaabachiisayaad annoo hojii aloolaafi sakatta’insa dokimentii hojiirra oolaniiru. Ragaalee kunneen mala akkamtaatiin xiinxalamanii hiikni itti kennamee jira. Argannoon ijoo qorannoo kanaa Oromoo Tuulamaa biratti Tulluun hundi ulfoodha; irra caalaa ammoo Tulluun Cuqqaalaa Ulfoodha. Ardaan Ulfoo Irreecha Arfaasaa “Siidaan Waaqayyoo ykn Siidaa Arjoomaa” jedhamuun Oromoo Tuulamaa biratti kabajaa guddaa qabu kun bara 2002 irraa eegalee Moloksoota Tullicha irra jiraniin manca’ee
ture. Yaboon ijoon qorannoo kanaa ammoo Heerota Ulfoo Jahan Waaqayyoo kabajuun, duudhaafi safuu Oromticha ganamaa eeguun Tulluuwwan Ulfoo kabajuufi kunuunsuun dhaloota dhufuuf tursuun dirqama Oromoo maraati.

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Tarrafaa, D., & Jaalataa, T. (2024). Uumama Ulfoo: Tulluu Cuqqaalaa Ija Ilaalcha Oromoo Tuulamaatiin. Gadaa Journal, 7(2), 60-74. Retrieved from https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/5658
Section
Articles
Author Biographies

Dirribaa Tarrafaa, Inistiitiyuutii Qorannoofi Qo‘annoo Oromoo

Inistiitiyuutii Qorannoofi Qo‘annoo Oromoo

Taaddasaa Jaalataa, Yuunvarsiitii Addis Ababaa, Koolleejjii Namummaa, Inistiitiyuutii Qo‘annoo Afaaniifi Gaazexeessummaafi Quunnamtii

Yuunvarsiitii Addis Ababaa, Koolleejjii Namummaa, Inistiitiyuutii Qo‘annoo Afaaniifi
Gaazexeessummaafi Quunnamtii