Leelloo Ilmaa-Intalaa Duudhaa Oromoo Arsii keessatti: Bu’ura Ijaarsa Koornayaatiin

Main Article Content

Faanosee Mangistuu
Xilaahun Taliilaa
Addunyaa Barkeessaa

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa leelloo Oromoon Arsii ilmaa intalaa qabu raawwilee Sirnoota Marsaa Jireenyaa—sirna dhaloota, gaa‟elaafi boo‟ichaa Oromoo Arsiirratti hundaa‟uun xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf, qorannichi saxaxa sanyaabsaa mala akkamtaarratti hundaa' eeti adeemsifame. Ragaaleen madda tokkoffaarraa meeshaalee funaansa ragaa daaw‟annaa, afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannoon walitti qabamuun mala akkamtaatiin hiikamani. Ragaalee argaman hiikuun wanti hubatame, Oromoon Arsii ilmaa-intala guyyuma dhalootarraa eegalee waan isaan ta'uu qaban, amalarraa eegamuufi gahee bahuu danda‟an duudhaa fayyadamuun barsiisaafi leenjisaa kunuunsuun kan guddisu ta‟uudha. Kunis, ilaalcha Araddaa Ofii-Ormaa jedhuun   "ilmi araddaa keenyarratti hafee dhaala, maqaa keenya waamsisa, intalli Araddaa Ormaati‟ jechuun ilma intalarraa ofitti aansaafi leellisaa ilaalcha kooti jedhuun guddisu. Raawwilee sirnoota marsaa jireenyaarraa akka ifutti, dhalootumarrattuu dhaloota intalaatti hanga kan ilmaa hingammadamu. Ilaalcha loogawaa ta‟e kanarraa ka‟uun ilmi hawaasa keessatti bakka qabaachaa ofitti amanamummaan guddata. Faallaa kanaa intalli „an araddaa ormaati‟ jechaa alatti oflakkaa‟aa
hirkattummaan guddatti. Kunimmoo akka dhuunfaattis ta‟ee, hawaasaatti ilaalcha loogaawaa ta‟uusaatiin, qaamoleen dhimmi kun ilaallatu—maatiin, hawaasniifi qaamoleen mootummaasadarkaan jiran duud haa hawaasaa garee tokko ofitti aansee kaan achi aansu akka fooyya‟u gochuurratti gahee isaanii akka bahaniif yaboon kaa‟ameera.

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Mangistuu, F., Taliilaa, X., & Barkeessaa, A. (2024). Leelloo Ilmaa-Intalaa Duudhaa Oromoo Arsii keessatti: Bu’ura Ijaarsa Koornayaatiin. Gadaa Journal, 7(2), 75-91. Retrieved from https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/5659
Section
Articles
Author Biographies

Faanosee Mangistuu, Yuunivarsiitii Haramaayaa, Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa

Yuunivarsiitii Haramaayaa, Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa

Xilaahun Taliilaa, Yuunivarsiitii Addis Ababaa, Kolleejjii Namummaa, Qo‘annoo Afaanii, Gaazexeessummaafi Quunnamtii

Yuunivarsiitii Addis Ababaa, Kolleejjii Namummaa, Qo‘annoo Afaanii, Gaazexeessummaafi Quunnamtii

Addunyaa Barkeessaa, Yuunivarsiitii Addis Ababaa, Kolleejjii Namummaa, Qo‘annoo Afaanii, Gaazexeessummaafi Quunnamtii

Yuunivarsiitii Addis Ababaa, Kolleejjii Namummaa, Qo‘annoo Afaanii, Gaazexeessummaafi Quunnamtii