Xiinxala Afseeneffamoota Torban Oboo: Xiyyeeffannoon Eenyummaa Ijaaruurratti

Main Article Content

Girmaa Dachaasaa
Asafaa Tafarraa
Addunyaa Barkeessaa

Abstract

Qorannoo kun Xiinxala Af-Seeneffamoota Ijaarsa Eenyummaa Torban Oboo, Achii as Dhufteefieenyumm aa daangaa lafaarratti qaban xiinxaluu irratti kan bu‟uureffatedha. Seenessuun ijaarsa eenyummaa gama amala, barsiifata , duudhaafi aadaa dhalootaa dhalootatti kan darbu yookiin amaleeffatamu kan namni dhuunfaa yookiin hawaasnii tokko isa biroorraa adda ofbaasee kan ittiin hubatuufi fufsiisudha. Ka‟umsi qorannichaas, hidda latiinsaa, bakka, seenaafi qabiyyee lafaa afseenessaan ijaarsa eenyummaa Torban Oboo dhaloota dhufuufi fufuu ilaalchisee qorannoon sadarkaa kanatti hojjetame dhibuusaati. Kaayyooleen qorannichaa immoo tooftaa dhufteefi hidda dhalootaa hawaasni kun barsiisuu, qabiyyyeefi daangaa isaanii eegsifatan addeessuudha. Kaayyoolee kanneen galmaan ga‟uufis goodinaalee qubsuma Oromoo Tuulamaa Torban Oboo ta‟an keessaa mala
akkayyoon Goodina Shawaa Bahaa, gandoota aanaa Boosatiifi naannoo ishee fudhachuun, daawwannaa, afgaaffiifi mariigaree xiyyeeffannootti dhimma ba‟uun ragaaleen funaanmaniiru.Maddeen ragaalee qorannoo kanaas: abbaa Gadaa, maanguddoota, foolleewwaniifi hawwan yommuu ta‟an, malli akkayyoofi malli darbaadabarsaa immoo malleen iddatteessuu itti dhimma ba‟amanidha. Qorannoon kun qorannoo sanyaabsaa dhimma beekumsa hawaasaa irraatti xiyyeeffate waan ta‟eefis, paraadaayimiin ijaarsaa bu‟uureffatamee jira. Akkasumas, ragaaleen funaanaman yaaxxiina ijaarsa hawaasummaa irratti bu‟uureffachuun mala akkamtaan xiinxalamanii jiru. Saxaxni qorannoo akkaataa addeessuu ta‟een seenessuu gochuufi hiikatti kennuun kan dhimma ba‟amedha. Kana malees, maleenyi dhimma bahame, maleenya gaaffii seenessaafi hidda dhalootaati. Argannoowwan ijoon qorannoo kanaas: hawaasni Torban Oboo hawaasa biroorraa kan adda itti walbeekan hidda dhalootaafi dhuftee isaanii tooftaa itti dabarsan qabaachuu isaaniiti. Kunis, dhiira qofa osoo hintaane dubartiinis bakka heerumteetti ijoollee ishee akka barsiiftuuf xiyyeeffannoon barsiitamti. Itti dabalees, dabrsa hidda dhalootaa caalmaaatti qabatama taasisuuf sirna mataasaa danda‟e akka qabu ni mul‟ata . Innis "Sirna Dikee ‟ madda dinagdee hawaasichaa kan ta‟e loon waliin walqabsiisuun ijoollota walitti qabuun dhuftee isaanii barsiisuuf kan adeemsifamudha. Akkasumas, daangaan waan uumamaan daangeffamee jiruu olitti sadarkaa yaaduu, gochaalee hawaasaafi adeemsa jiruufi jireenya hawaasichaa hunda kan walitti hidhu ta‟uusaa argisiisa.

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Dachaasaa, G., Tafarraa, A., & Barkeessaa, A. (2024). Xiinxala Afseeneffamoota Torban Oboo: Xiyyeeffannoon Eenyummaa Ijaaruurratti. Gadaa Journal, 7(2), 92-107. Retrieved from https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/5660
Section
Articles
Author Biographies

Girmaa Dachaasaa, Yuunivarsiitii Addis Ababaa Koolleejjii Namummaa, Inistiitiyuutii Qo’annoo Afaaniifi Gaazexeessummaafi Quunnamtii Kaadhimamaa PhD

Yuunivarsiitii Addis Ababaa Koolleejjii Namummaa, Inistiitiyuutii Qo’annoo Afaaniifi Gaazexeessummaafi
Quunnamtii Kaadhimamaa PhD

Asafaa Tafarraa, Yuunivarsiitii Addis Ababaa Koolleejjii Namummaa, Inistiitiyuutii Qo’annoo Afaaniifi Gaazexeessummaafi Quunnamtii,

Yuunivarsiitii Addis Ababaa Koolleejjii Namummaa, Inistiitiyuutii Qo’annoo Afaaniifi Gaazexeessummaafi
Quunnamtii

Addunyaa Barkeessaa, Yuunivarsiitii Addis Ababaa Koolleejjii Namummaa, Inistiitiyuutii Qo’annoo Afaaniifi Gaazexeessummaafi Quunnamtii

Yuunivarsiitii Addis Ababaa Koolleejjii Namummaa, Inistiitiyuutii Qo’annoo Afaaniifi Gaazexeessummaafi
Quunnamtii