Xiinxala Gahee Loonii Sirna Fuudhaafi Heeruma Oromoo Maccaa Keessatti: Kuttaayee Irratti Xiyyeeffachuun

Main Article Content

Jiraa Mokonnon
Bulloo Fiixaa
Tarrafee Mitikkuu

Abstract

Qorannoon kun gahee loon jilaalee fuudhaafi heerumaa aadaa Oromoo Maccaa, keessattuu kan gosa Kuttaayee keessatti qaban xiinxaluu irratti xiyyeeffata. Kaayyoon qorannoo kanaa gahee loon raawwileee jiloota fuudhaafi heeruma aadaa Oromo Kuttaayee keessatti qaban qorachuun adda baasuufi qaawwa beekumsaa gama kanaan jiru guutuudha. Qorannoo kanaaf saxaxni ibsaa qorannoo akkamtaatti dhimma bahameera. Malli iddatteessuu qorannoo kanaa ammoo iddatteessuu miti-carraati. Gosa miti-carraa keessaa darbaa-dabarsaafi kaayyeffataatti fayyadamneerra. Maddi ragaa qorannoo kanaa ragaa duraafi lammaffaati. Tooftaaleen funaansa ragaa qorannoo kanaaf hojiirra oolan af-gaaffiifi marii garee xiyyeeffataati. Waliigalatti, qorannoo kanaaf ragaaleen guuraman walitti qindaa’uudhaan mala ibsuu qorannoo akkamtaafi yaadiddama qorannoo galumsaatti dhimma bahuun xiinxalameera. Yaadhiddamni kunis hojii kana keessatti ragaan argame haala galumsa aadaafi duudhaa hawaasaatiin akka xiinxalamee hubatamuuf gumaacheera. Argannoon qorannoo kanaa akka ibsutti, gahee loon jilaalee fuudhaafi heeruma aadaa Oromoo Kuttaayee keessatti qaban ol’aanaa ta’uu isaa agarsiisa. Kana malees, raawwiin cidhaa kun looniifi bu’aalee isaanii malee jifuun isaa guutuu kan hintaane ta’uus mul’iseera. Haa ta’u malee, sababa jijjiirama hawaasummaa naannoo qorannichaa keessatti mul’ataa dhufeen, horsiisni looniifi ga’een isaan raawwii cidha fuudhaafi heeruma aadaa keessatti qaban jijjiiramaa dhufeera.


 

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Mokonnon, J., Fiixaa, B., & Mitikkuu, T. (2024). Xiinxala Gahee Loonii Sirna Fuudhaafi Heeruma Oromoo Maccaa Keessatti: Kuttaayee Irratti Xiyyeeffachuun. Gadaa Journal, 7(2), 126-140. Retrieved from https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/5662
Section
Articles
Author Biographies

Jiraa Mokonnon, Yuunivarsiitii Jimmaa, Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa

Yuunivarsiitii Jimmaa, Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa

Bulloo Fiixaa, Yuunivarsiitii Mattuu, Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa

Yuunivarsiitii Mattuu, Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa

Tarrafee Mitikkuu, Yuunivarsiitii Jimmaa, Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa

Yuunivarsiitii Jimmaa, Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa