Iyyaaffannaa Sirna-beekumsa Oromoo Mammaaksa Tokko Keessatti: Kallattii Harmanatiksii Afrikaatiin
Main Article Content
Abstract
Sirni-beekumsaa, akka waliigalaatti yoo hiikamu, dirree qorannoo maalummaa, madda, tooftaafi mala beekumsi ittiin mirkanaa’u kan qoratu. Yaadumti kun akka aadaatti yoo ibsamu, mala sirna beekumsaa aadaa (xabboo) aadaa, afoolotaafi gochaalee ummata tokkoo bara keessatti kuufamee argamuufi ummaticha qajeelchu. Bu’uura ibsa kanaatiin, kaayyoon qorannoo kana sirna beekumsa Oromoo mammaaksa: ‘Maraattuun waan jettu beekti; waan jettuuf sana garuu hinbeektu’ jedhu keessatti iyyaaffachuudha. Qoratichi dhalataafi qaama aadaa Oromoo sababa ta’eef, mammaaksichi mala introspeekshiniin (introspection) kan filate, tooftaa kallattii keessootiin (emic) kan qaacca’eefi hiikesisuma ta’eera. Yaaxxinni qorannoo kanaa harmanatiksii Afrikaafi tooftaan qaaccessaas geengoo harmanatiksi jedhama. Harmanatiksiin Afrikaa yaaxxina ammayyaa falaasamaa aadaa Afrikaa afoolota isaanii keessatti argamu qaaccessuuf tajaajila. Tooftaan qaaccessaa geengoo harmanatiksii jedhamus, gama tokkoon bifa xiinqooqaa mammaaksichaa sadarkaa himaatiifi gama biroon bifa mammaaksichaa akka sirna beekumsa Oromootti qaaccessuuf mijata. Haala kanaan, argnnoon qorannichaa yaaxxina harmanatiksii Afrikaa keessaan mammaaksichi yoo qaacca’u gama tokkoon bifa xiinqooqaa agarsiisuudhaan gama birootiin sirna beekumsa Oromoo agarsiiseera. Kunis, mammaaksi akka AfaanOromootti xiinqooqummaa qofa otuu hintaanee sirna beekumsa Oromoo akka ibsuufi kunis akka beekumsa badda-baddaafi (surface) sirna beekumsaa gadifagoo (deep) akka agarsiisu mul’iseera. Kanaafuu, mammaaksi Oromoo tokko tokko sirna beekumsaa waliigalaa addunyaa Oromoofi beekumsa jiruuf jireenyaa guyyaa guyyaatiif gargaaru sababa qabuuf hayyoonni Oromoo sadarkaa adda addarraa jiran mammaaksota ummatichaarratti qorannoo gadifagoo adeemsuufi beekumsicha kana sirneessuu qabu.
Article Details
Section
Articles
How to Cite
Iyyaaffannaa Sirna-beekumsa Oromoo Mammaaksa Tokko Keessatti: Kallattii Harmanatiksii Afrikaatiin. (2025). Gadaa Journal, 8(1), 41-54. https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/6216