Xiinxala Fayyadama Fookiloorii Asoosama Dhaabaa Wayyeessaa: Godaannisa irratti Kan Xiyyeeffate
Main Article Content
Abstract
Qorannoon kun fayyadama fookiloorii asoosama Godaannisaa kan Dhaabaa Wayyeessaatiin barraahee bara 1992 maxxanfame xiinxaluurratti xiyyeeffate. Qorannichaaf mala akkamtaatu bu’uura ta’e. Ragaaleen qaaccessa barruutiin mirkaneessituu (checklist) qophaa’erratti akaakuu akaakuudhaan walitti qabamuun xiinxalamaniiru. Argannoon qorannichaa akka mullisetti, akaakuuwwan fookiloorii gurguddoo afran: afoola, duudhaalee hawaasaa, meeshaalee aadaafi aartiin raawwii hawaasaa xiyyeeffannoo argataniiru. Mammaaksaalee, jechamoota, weedduu, kadhannaa, dubbiilee qolaa, moggaasa maqaa, cidha gaa’ilaa, ayyaana Qaalluu, qoricha aadaa, addooyyee, aadaa qabdoo taa’uufi kabaji yeroo gaddaa, akkasumas meeshaalee faayaa (qubeelaa), nyaataafi dhugaatii (booka, farsoo) uffannaalee aadaa (kutaa, kofoo, wandaboo, sabbata, kittaa) qabannaa (eeboo)fi meeshaa muuziqaa (dibbee), akkasumas, gelloon akkaakuuwwan fookiloorii asoosamicha keessatti dhiyaatanii jiruufi jireenya Oromoo mul’isuuf oolaniidha. Akaakuuwwanfookiloorii kunneen asoosamicha keessatti haala hawaasummaa, aadaa, duudhaa, safuu, siyaasaafi diinagdee uummata Oromoo mulliseera. Gabaabumatti, Godaannisni asoosama raacitii ogbarruu Oromoon sukkuumamee tolfameedha. Kanaafuu, barreessitootni Oromoo bu’aalee ogbarruu isaanii kana booda bahan keessatti gooroowwan fookiloorii osoo sirritti hammachiisuun itti fayyadamanii ogbareedummaa guddaa dabaluun alatti fookiloorii Oromoo olkaa’uufis gumaacha godha.
Article Details
Section
Articles
How to Cite
Xiinxala Fayyadama Fookiloorii Asoosama Dhaabaa Wayyeessaa: Godaannisa irratti Kan Xiyyeeffate. (2025). Gadaa Journal, 8(1), 55-75. https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/6217