Xiinxala Hiika Fakkoommii Meeshaalee Aadaa Mana Keessaa: Aadaa Oromoo Maccaa, Godina Wallaggaa Lixaa Kan Fuulleffate

Main Article Content

Geediyoon Malaakuu
Xilaahun
Filee Jaallataa

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa meeshaaleen aadaa mana keessatti idileen hawaasni naannoo kanaa itti fayyadamu waa’ee maatii, mana sanaafi aadaa isaanii akkamiin akka ibsan akka hawaasa Oromoo Maccaa godina Wallaggaa Lixaatti xiinxaluudha. Maddi ragaa qorannoo kanaa hawaasa Oromoo konyichaa meeshaalee aadaatti dhimma ba’aa turaniifi jiran yoo ta’an, malleen iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaa hojiirra oolanii jiru.Tooftaa odeeffannoon ittiin funaannames daawwannaa, afgaaffiifi maree garee xiyyeeffataati. Odeeffannoowwan kallattii kanaan walitti qabaman mala qorannoo akkamtaan gurmaa’un xiinxalamanii jiru. Kana keessaa mala xiinxala ragaaleef bu’urri yaadrimee xiinxala meeshaalee aadaa gara fookilooriin jiru bu’urefatamee jira. Haaluma kanaan, meeshaaleen mana keessaa bu’uura qaama itti tajaajilamuufi fakkoommii qabaniin yoo ilaalaman, dhiironni meeshaalee muka, sibiilaafi gogaarraa hojjatamanitti dhimma yoo bahan, dubartiin migiraafi baay’inaan supheefi biyyoorra kanneen hojjatamaniin ibsamanii jiru. Meeshaaleen kunneenis, dhiirri eenyu akka ta’e, dubartiin eenyu akka taate, ga’e koorniyaa (dhiirummaafi dubartummaa, abbaa warrummaafi haadha manummaa) isaan qaban, ga’e aadaan namoota ga’eela dhaabbataniif kenne irraa hubachuuf danda’amee jira. Bareedinni/faayaan meeshaalee sonaawwan aadaa qabu (ogummaa, jaalalaafi hariiroo maatii hanga hawaasatti jiru) akka calaqqisiisan qorannoo kanaan bira ga’amee jira. Askeessatti, meeshaaleen aadaa kanneen mana keessatti dhimma itti bahaman baattoo aadaa ta’uun, ga’ee abbaa warraafi haadha warraa akkasumas, simboo hawaasa naannoo sanaa akka ta’an hubatamee jira. Argannoo kana irratti hudaa’uun yaboon kenname, meeshaaleen aadaa hiika aadaa qabu, hiikni isaanii kun callisee kan kennamu osoo hintaane haala hawaasa sanaa giddu galeeffateeti; yoo sanaa ala ba’e rakkoo hubannaa uumuu waan danda’uuf waajjirri aadaafi tuurizimii hubii kana dhimmamtootaafi qorattootaaf uumuu qabu. 

Article Details

Section

Articles

Author Biographies

Geediyoon Malaakuu, Yuunivarsiitii Addis Ababaa Dhaabbata Qo’annoo Afaaniifi Gaazexeessummaa

Yuunivarsiitii Addis Ababaa Dhaabbata Qo’annoo Afaaniifi Gaazexeessummaa

Xilaahun , Yuunivarsiitii Addis Ababaa Dhaabbata Qo’annoo Afaaniifi Gaazexeessummaa

Yuunivarsiitii Addis Ababaa Dhaabbata Qo’annoo Afaaniifi Gaazexeessummaa

Filee Jaallataa, Yuunivarsiitii Addis Ababaa Dhaabbata Qo’annoo Afaaniifi Gaazexeessummaa

 Yuunivarsiitii Addis Ababaa Dhaabbata Qo’annoo Afaaniifi Gaazexeessummaa

How to Cite

Xiinxala Hiika Fakkoommii Meeshaalee Aadaa Mana Keessaa: Aadaa Oromoo Maccaa, Godina Wallaggaa Lixaa Kan Fuulleffate . (2025). Gadaa Journal, 8(1), 98-116. https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/6262

References