Xiinxala Qabiyyeewwan Diddaa Barwalaloo Oromoo Filatamanii: Ija Yaaxxina Seenaa Haaraafi Hawaasummaatiin
Main Article Content
Abstract
Qorannooon kun dhiyaatina diddaa barwalaloo Oromoo xiinxaluu irratti kan xiyyeeffatedha. Diddaan falmii al-seerummaa hawaasni aangawoota abba irree irratti gaggeessudha. Qorannichaafis ka‟umsa kan ta‟e qaawwii qorannoo dhiyaatina diddaa barwalaloo Oromoo ija seenessuufi aadaan mul‟achuu isaati. Galma ga‟insa qorannichaaf xiinxala barruu saxaxa ibsa akkamtaatu hojiirra oole. Qorannichi gosa qorannoo akkamtaaan kan gaggeeffameefi mala iddatteessuu miti carraa akkayyoo fayyadamuun barawalaloo lama “Obomboleettii (4) fi Edas-Edanas (8)” keessaa mata duree walaloo (12) qofa irratti kan daangeffamedha. Bu‟uuruma kanaan, qorannichi yaaxxina Seenaa Haaraafi Hawaasummaa fayyadamuun qabiyyeewwan diddaa yeroofi haalota hawaasummaa bu‟uura godhachuun kan xiinxalamedha. Ragaalee barwalaloowwan lamaan keessaa dhihaatanis bu‟uura seenaa kan qabaniifi taateewwan diddaa hawaasummaa sirnoota bulchiinsaa Mootota Gonfoo/ Abbaa lafaa hanga bara ADWUI-tti jiran adda baasuun kan dhiheessanidha. Akka ragaaleen diddaa siyaasaa mul‟isanitti sabni Oromoo sirni dimokiraafi bilisummaa ijaaruuf sirnoota kanneen waliin falmii gaggeessaa tureera. Diddaa hawaasummaan walqbatees falmii sirnoota Absiiniyaawaliin gaggeessaa ture cinaatti falmii walii isaa gidduu, qubattoota sirnoota Absiiniyaa hordofuun Oromiyaakeessa jiraatan waliin, ayyaanaafi safuu isaa waliin walitti bu‟aa turuun dhiibbaa hi‟entaa uumaa akka tureagarsiisa. Diddaa diinagdeen walqabatee ragaaleen dhihaatan ammoo dhiibbaa sirnoonni Absiiniyaa sabaOromoo irratti gaggeessaa turaniin sabni Oromoo lafaa, humnaafi shira diinagdeen dhiibamaa turesirreessuuf falmii gaggeessaa ture agarsiisu. Dabalataan, ragaaleen dhihatan qabiyyeewwan diddaabarwalaloo baay‟eefi beekumsa bal‟aa kan ofkeessaa qaban ta‟uu agarsiisu. Kanaaf, beektonni OgbarruuOromoo qaawwa qorannoo gama diddaa eenyummaafi dandamannaa Oromoo irratti mul‟atan haa guutaniindhaamsa qorannoo kanaati.
Article Details
Section
Articles
How to Cite
Xiinxala Qabiyyeewwan Diddaa Barwalaloo Oromoo Filatamanii: Ija Yaaxxina Seenaa Haaraafi Hawaasummaatiin. (2025). Gadaa Journal, 8(1), 76-97. https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/6263