Xiinxala Uumama Maqaalee Afaan Oromoo Looga Arsii Keessatti
Main Article Content
Abstract
Afaan Oromoo afaanota naannoo gaanfa Afrikaatti dubbataman keessaa sadarkaa duraa irratti argama. Loogni Oromoo Arsii Kibba Baha Oromiyaatti bal‟inaan dubbatama. Qorannoowwan caasaa latiilee afaanichaa muraasa irratti daangeffamanii hojjataman haajiraatan malee, xiinxalli uumama maqaalee looga Oromoo Arsii irratti gaggeeffame hin jiru. Kanaaf, Kaayyoo kana galmaan gahuudhaaf ragaaleen qorannichaa kitaaba Afaan Oromoo looga Arsiitiin barreeffame “Seera Fuudhaa-Heeruma Oromoo Arsi‟ii (2000) jedhu keessaa kan funaanaman yoo ta‟u, innis mala iddatteessuu akkayyootiin filatamee jira. Dabalataanis qorataan, dubbataa loogichaa waan ta‟eef, akka madda ragaa qorannoo kanaatti ragaaleen ofii isaatiin dhihaatanisqorannoo kana keessatti xiinxalamanii jiru. Qorannoon kun saxaxa ibsaatiin kan dhihaate yemmuu ta'u, ragaaleen akkaataa walfakkeenya isaaniitiin mata-duree xixiqqoo jalatti qindaa‟anii mala akkamtaatiin ibsamanii jiru. Ragaan xiinxalame akka agarsiisutti looga Oromoo Arsii keessatti maqaaleen jechoota qeentee yookaan jechoota tishoo irratti maqeessituu fudhachuudhaan uumamu. Maqaaleen jechoota qeenteefi maqeessituu irraa uumaman (maqaaleen yaasaa) tajaajila dhaabbataniif bu‟uureffachuudhaan maqaalee gochaa, bu‟aa gochaa, abgochaa, meeshaa, adeemsaa, killayyaafi nama dhuunfaa jedhamanii qoodamu. Isaan keessaa maqaaleen abgochaa koorniyaa kormaadhaaf maqqeessitoota {-aa} fi {-o}, akkasumas koorniyaa naayeedhaaf {-tuu} fi {-tu} kan fudhatan yemmuu ta‟an, maqaaleen bu‟aa gochaa unkaalee adda addaa hanga digdamaa gahan tajaajilamuu danda‟u. Fufiileen maqaalee adeemsaa uuman {-iinsa} fi {-at-}+{-a} yemmuu ta‟an, maqaalee meeshaatiif {-tuu}, {-too}, {-aa}, {-wii/-yii}, {-saa} fi {-oo}dha. Fufiileen maqaalee meeshaauumuuf tajaajilan shanan duraa hundee gochimaa irratti kan maxxanan yoo ta‟u, inni boodaa (-oo) maqaalee bu‟uuraa (maqaalee qaamota bineeldotaa) irratti dabalamuudhaan tajaajila. Kana malees, maqaaleen killayyaa hundee maqaalee bu‟uuraafi maqibsitootaa irratti {-ummaa}, {-eenna} fi {-inna} maxxanfatu. Dabalataan, maqaaleen nama dhuunfaa ittiin waamuuf tajaajilan koorniyaa lamaaniifuu maqeessitoota unkaalee adda addaa maxxanfatuu danda‟u. Maqaaleen yaasaadhaan uumamaniifi maqaaleen tishoon fufii yookaan unka dhokataa (Ø) maqummaa agarsiisu ni fayyadamu. Kana malees, ol ka‟uufi gadi bu‟uun dhissaga birsagootaa (syllable stressness) uumama maqaalee loogichaa keessatti qooda ni fudhatu.
Article Details
Section
Articles
How to Cite
Xiinxala Uumama Maqaalee Afaan Oromoo Looga Arsii Keessatti. (2025). Gadaa Journal, 8(1), 10-26. https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/6269