Aangoo, Qannoofi Hiyyummaa: Xiinxala Hariiroo Gulantaalee Gareewwan Hawaasaa Fiilmiiwwan Eelaafi Miixuu
Main Article Content
Abstract
Qorannoon kun, aangoo, qannoofi hiyyummaa: xiinxala hariiroo gulantaalee gareewwan hawaasaa fiilmiiwwan Eelaafi Miixuu xiyyeeffachuun kan hojjetameedha. Qorannichi, fiilmiiwwan Afaan Oromoo Eelaafi Miixuu keessatti qoqqoodinsa aangoo, qannoofi hiyyummaa gareewwan hawaasaa mul‟atan adda baasuun ija xiinhawaasummaatiin xiinxaluu irratti kan xiyyeeffateedha. Qorannichi mala qorannoo akkamtaatiin kan adeemsifame yoo ta‟u, madda ragaa tokkoffaa fiilmiiwwan irraa daawwannaa suur-sagalee filmiiwwan filataman irraa walitti qabamuun mala ibsaatiin qaacceffamani. Eelaan cunqursaafi miidhama sirna mootummaa abbaa irreetiin gareen aangoo qabu hawaasa Oromoo irratti geessisaa ture yoo ta‟u, Miixuun ciniinsifachuufi xiiqeffatanii ifa bari‟u arguuf wal‟aansoo qabuudha. Guyyaan umurii isaa waggaa 28 kan agarsiisu turtii sirna ADWUI bara 1991-2018 ture kan agarsiisuudha. Mormiin Guyyaan taasise kunis, qabsoo qeerroofi dhaloota qubeetiin sirnicha irratti taasifameen gareen aangoo irra ture maqfamuu agarsiisa. Walumaagala, goolabni qorannichaa, uummatni Oromoo dinagdee osoo qabuu alagaadhaan qabeenya isaa saamamee cunqurfamuun itti roorrifame. Ilmaan isaa hedduun hidhamuufi ajjeefamuun kanneen biroon immoo biyyaa baafamani.Gareen hawaasaa miidhameefi cunqurfame cunqursaa mo‟achuuf wal‟aansoofi eelaa jireenyaa obsaan, xiiqiifi ciniinsuudhaan miixate keessa darbe. Kunis, kaayyoo ofiitti cichanii dhaabachuun xurree bilisummaa arguuf qeerroofi qarree hedduun akka miidhamaniidha.Kunis, eelaa, ciniinsuufi miixuudhaan wal‟aansoo akka taasisan agarsiisa.
Article Details
Section
Articles
How to Cite
Aangoo, Qannoofi Hiyyummaa: Xiinxala Hariiroo Gulantaalee Gareewwan Hawaasaa Fiilmiiwwan Eelaafi Miixuu . (2025). Gadaa Journal, 8(1), 117-132. https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/6296