Ogbarruu Fayyadamuun Dandeettii Dubbisuu Afaan Oromoo Barsiisuu: Xiyyeeffannaan Manneen Barnootaa Sadarkaa Tokkoffaa Kutaa 8ffaa Magaalaa Shaambuu
Main Article Content
Abstract
Qorannoon kun ogbarruu fayyadamuun dandeettii dubbisuu Afaan Oromoo barsiisuu barsiisotaa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa kutaa 8ffaa Bulchiinsa Magaalaa Shaambuu xiinxaluu irratti kan xiyyeeffateedha. Saxaxni bu’uuraa qorannoo kanaa saxaxa qorannoo barnootaa bu’uureffate /design-based research/dha. Gulantaa jalqabaa qorannoo kanaaf rakkoo adda baasuuf saxaxa qorannoo sakatta’a ibsaatu hojiirra oole. Malli qorannoo kanaas mala makaati.Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa sadarkaa tokkoffaati. Innis barsiisota manneen barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Shaambuu keessatti Afaan Oromoo barsiisaa jiraniidha. Meeshaaleen funaansa ragaalee daawwannaa, afgaaffiifi bargaaffiidha.Malli iddatteessuu qorannichaa mala carraa salphaa, hunda hammatoo /comprehensive sampling/fi akkayyoodha.Bu’uuruma kanaan, barsiisota Afaan Oromoo barsiisaniifi manneen barnootaa ja’a mala akkayyoon filatamaniiru.Bargaaffiidhaan ragaalee funaanuuf barsiisonni 28 mala hunda hammatoodhaan barsiisota Afaan Oromoo kutaa 8ffaa barsiisan hundi filatamaniiru. Dawwannaafi afgaaffiidhaaf barsiisota ja’aa Afaan Oromoo barsiisan mala carraa salphaatiin filatamaniiru. Ragaaleen argamanis mala makaadhaan qaacceffamaniiru. Argannoowwan ijoo qorannoo kanaas, barsiisonni Afaan Oromoo yeroo ogbarruu fayyadamanii dandeettii dubbisuu barsiisan hanqinaalee hubannoo mala barachuufi barsiisuu, barattoota utubuufi hirmaachisuu dhabuu, malleen si’aayinaan barachuu fayyadamuu dhabuu, hanqina hubannoo gama qabiyyeefi faayidaalee ogbarruun afaan barsiisuuf qabu wallaaluudha. Danqaaleen mudatanis, leenjii hojiin duraafi boodaa ogbarruudhaan afaan barsiisuun walqabate dhabuu barsiisotaa, daree keessatti danoomachuu barattootaa, hanqina yeroo shaakalaafi fedhiifi kaka’umsa dubbisuu dhabuu barattootaati. Yaboon qorannoo kanaas, barsiisonni Afaan Oromoo ogbarruudhaan dandeettii dubbisuu yommuu shaakalsiisan barattoonni ergaa dubbisa sanaa irratti akka xiyyeeffatan gochuu, gochaalee dubbisa duraa, yeroo dubbisuufi dubbisa boodaa irratti xiyyeeffachuu, hubannoofi dubbisa ogbarruu sana irraa hiika argachuu barattootaa adda baasuuf iyyaafachuufi duubdeebii kennuun barattoota deeggarsa addaa barbaadan adda baafachuun otuu deeggaranii gaariidha. Dhaabbileen barnootaa barsiisonni yommuu ogummaa barsiisummaa leenji’an dhiyaannaalee ogbarruu afaan barsiisuuf oolan irratti hubannoo gama mala baruu barsiisuus ta’e kan qabiyyee akka horataniif xiyyeeffannoodhaan leenjii hojiin duraa kennuun barbaachisaadha. Kun immoo, galma dandeettii dubbisuu barsiisuu barsiisotaa sadarkaa kanaa milkeessuu danda’a.
Article Details
Section
Articles
How to Cite
Ogbarruu Fayyadamuun Dandeettii Dubbisuu Afaan Oromoo Barsiisuu: Xiyyeeffannaan Manneen Barnootaa Sadarkaa Tokkoffaa Kutaa 8ffaa Magaalaa Shaambuu. (2026). Gadaa Journal, 9(1), 18-36. https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/6878