Xiinxala Yoomessaafi Ergaawwan Sirboota Gundoo Booree Oromoo Jaawwii Maccaa
Main Article Content
Abstract
Qorannoon kun xiinxala yoomessaleefi sirboota gundoo booree Oromoo Jaawwii Maccaarratti xiyyeeffata. Qorannoon yoomessaleefi ergaawwan sirboota gundoo booree Oromoo xiyyeeffannoo bal’aa dhabuun barruu kanaaf ka’umsa yoo ta’u, qorannichi qaawwa gama kanaan jiru guutuuf gaggeeffame. Haaluma kanaan, yoomessaleefi ergaawwan sirboota gundoo booree Oromoo Jaawwii Maccaa yaadiddama haala galumsaa hordofuun mala akkamtaa fayyadamuun xiinxalli gaggeeffamee jira. Kanaafis tooftaaleen qorannoo akkayyoofi darbaa dabarsaan dhimma ba’amaniiru. Darbaa dabarsaan ilmaan Jaawwii Maccaa keessaa bakka sirboonni gundoon booree itti sirbaman addaan baa’aniiru. Raga himtoonni qorannichaa immoo iddateessuu akkayyoon filataman. Ragaaleen qorannoo kanaas madda ragaa tokkoffaarraa funaanaman. Kanneen irraas daawwannaa, afgaaffiifi marii garee qulqulleeffannootiin funaanaman. Bu’aan qorannoo kanaa sirbi gundoo booree Oromoo Jaawwii Maccaa waltajjiiwwan migira buqqisuu, hodhuu, bishaan waraabuufi qoraan cabsuutti shaakalamu. Kunis guyyaa cidhaa shamarran sirba gundoo booree sirritti akka sirbaniif gargaara. Cidharratti shamarran yeroo amaamonni intalaafi gonfaa fudhatanii ba’uuf ka’an, gonfaa keessaa gundoo booree jabbi-dhooftuu jalaa butatanii ittiin sirbu. Ergaawwan sirboota gundoo booree keessatti darban immoo, jabbi-dhooftuu qormaatatti galchuu, muddama yaadaan rarrasuu, dorgommii uumuufi cichoomina dabaluu ibsu. Waltajjii cidhaaf ammoo, humna dabaluun seera, obsa, naamusa, xiiqii, dandeettiifi tasgabbii barsiisa. Cidha dura sirbi gundoo booree kan shaakalamaa turus waltajjii cidhaa sana ho’isuufi dirree barsiisuu agarsiisuuf fayyada. Dargaggoonni Oromoo sirboota gundoo booree kanneenitti cichuun haala ammayyaan walitti madaqsanii dhimmoota Oromoo ittiin dabarsuufi irraa barachuun barbaachisaa ta’uu qorannoon kun akeeka. Dhaabbileen akka Waajjiraalee Aadaafi Turiizimii, Yuunvarsiitonnii mootummaafi mit-mootummaa naannoo ilmaan Jaawwii Maccaa dhaloota dadammaqsuun akka sirboota gundoo booreetti fayyadaman taasisuun guddina sirboota gundoo booreef gumaacha.
Article Details
Section
Articles
How to Cite
Xiinxala Yoomessaafi Ergaawwan Sirboota Gundoo Booree Oromoo Jaawwii Maccaa. (2026). Gadaa Journal, 9(1), 52-67. https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/6880