Oromoofi Irreecha: Xiyyeeffannaa Margaafi Keellootiin

Main Article Content

Xilahuun Taliilaa* (PhD)

Abstract

Barruun kun dhimmoota Irreechaa keessaa maqaa sirnichaas, mallattoo ayyanichaas kanneen ta'an margaafi keelloo irratti xiyyeeffata. Yaadrimeefi yaaxinoota kallattii ogummaa fooklooriin ayyaaneffannaa irratti xiyyeeffataniin deegara mee jira. Akaakuun qorannichaa sanyaabsa ta‟ee, ragaan qorannichaa tooftaa hirmaatanii daawwachuufi afgaaffii gareen bara 2013-2017ALI keessaatti walitti qabamee jira. Ibsi akeeka (model) Dundes (1980) fayyadamuun sadarkaa duraatti kennamee jira. Itti aanees, ibsi sadarkaa kalattii akaakuuwwan „fakkoommii sirna keessatti argamaniin (Mircea E., 1987) dhiyaatee jira. Sadarkaa sadaffatti, hiikni haalawaa aadaa Oromoo (cultural Context) bu‟ureffate dhiyaatee jira. Bu‟aan argames, margaafi keelloon ayyanichaaf oolan, fakkoommii jiruufi jireenya Oromoo ta‟un isaanii mul‟atee jira. Kunis, beekumsa Oromoon, ofii isaafi addunyaa keessa jiraachaa tureefi jiru irratti hundaa‟ee horate ta‟uun wanta tilmaamameedha. Oromoon, „du‟aan ayyaana hinqabu‟ akkuma jedhu marga gogaan hinirreeffatu, galatas hingalchu. Akka hubannoo Oromootti margi irreechaa jiidhaaa ta‟un isaa fakkommii lubbuun jeenyaati. Qarri, angafaafi angafummadha. Jirmi hortee Oromooti (gosa, balbalaafi ijaarama sabichaati). Margi Irreechaa yeroo bona jirmaan lafa qabatee turuun isaa, ciccominaafi dandammannaa Oromoon qabu ta‟e muul‟ateeta. Malkarratti maraafi keelloo waliin qabatee ittiin irreeffachuun sun, fakkoommii dhala lamaan bu‟ura hormaataa ta‟aniiti. Kana irraa ka‟uun Margaafi Keelloo Irreecha keessatti eenyumma waloo (collective Identity) Oromoo qabu muul‟ate. Irrechi dhaloota ammaaf gaaddisa waloomaa ta‟e osoo jiruu namoonnii dhalootaan Oromoo ta‟anii, Irreecha balaaleffatafi ayyanicharraa of qophan, hawaasummaan hidhamanii yoo ta‟e malee, dhimmoota margaafi keelloon calaqqisiisan kana ala ta‟u wanta danda'an miti. Fuulduraaf, irreecha irrattis ta‟e, yaalii adeemsa deebisa aadaa Oromoo (cultural revival) keessatti wantoonnii danqaa ta‟u dand‟an qorannoon osoo adda bahanii furmaata wajjin kaa‟amaniigaar ii ta'a.
 

Article Details

Section

Articles

Author Biography

Xilahuun Taliilaa* (PhD), Yuunvarsiitii Addis Ababaa, Muummee Afaan Oromoo, Ogbarruufi Fookloorii

Yuunvarsiitii Addis Ababaa, Muummee Afaan Oromoo, Ogbarruufi Fookloorii

How to Cite

Oromoofi Irreecha: Xiyyeeffannaa Margaafi Keellootiin. (2026). Gadaa Journal, 9(1), 68-90. https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/6881

References

Most read articles by the same author(s)