Ardaalee Jilaa Gadaa: Hariiroo Ardaalee Jilaafi Seerota Gadaa Tuulamaa

Main Article Content

Adaanaa Addunyaa
Xilahuun Taliilaa
Dastaa Dassaalenyi

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa hariiroo ardaalee jilaa Gadaafi seerota Gadaa Tuulamaa xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf saxaxa qorannoo akkamtaatu hojiirra oole. Jamaan qorannichaa mala iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaan filataman. Maddi ragaalee abboota seeraa Gadaafi yuubota Gadaa Tuulamaati. Ragaaleen jamaa adda bahanirraa mala daawwannaa, afgaaffiifi marii gareetiin funaannamanii jiru. Qorannichi fuulleffannaa hiikaa (interpretive paradigm) fi yaaxxina ijaarsa hawaasaan qoratame. Seeroonniifi ardaaleen jilaa Gadaa qabiyyeewwan fookloorii qabaachuu agarsiisuuf bu’uura af-seenessa hawaasichaan xiinxalaman. Ragaaleen qorannichaa akka agarsiisaniitti, ardaaleen jilaa bu’uura raagamtaa isaaniin iddoowwan jilaafi seera Gadaa ta’uun hubatameera. Adeemsa seeneffamaa hordofuun tumaaleen seeraa ardaaleerratti ta’anis hariiroo duraa. duubaa qabaachuun nimul’ata. Kunis, Odaan Nabee bakka sirni yakka qulqulleessuufi araaraa, sirni madaalliifi mirkansaa itti raawwatamu. Caffeen Dongoraa ardaa abbaa muudaa ta’ee iddoo heera (seerota ulfoo, sammuu seerotaa) Jahan Waaqaa itti afaan saaqan ta’uun; Caffeen Tumaa immoo, bakka seeronni ulfoo ta’an itti hiikamaniifi seeronni waa maraa itti tumaman ta’uun hubatameera. Seeronni caffee Tumaarratti tumamanis, osoo Dhakaa Koratti hindarbin bultoo waggaa tokkoof miseensi Gadaa hundi Caffee isaanitti (qixxee gosaattiin) galatu. Qixxee gosaatti hawaasa bal’aaf dhangalaasanii marii bal’aan erga irratti taasifamee booda waggaatti qabatanii Dhakaa Koratti deebi’u. Dhaka koratti seera ta’ee osoo hinragga’in dursanii sirna ‘Si baannadhee’ gaggeessu. Si baannadheen gaaffii maaliif fooyyessuun, itti dabaluun akka barbaachiseefi qulqulleeffannaa waliigalaa qaba. Sirna kana booda kan keessaa hir’atu hir’atee, kan itti dabalamu dabalamee seera ta’e lallabama. Ardaaleen jilaa kunneen wiirtuu seeneffamootafi seenaa Gadaa Tuulamaa ta’uun, Heeraafi seerota Gadaa tursiisanillee ammatti babal’ina magaalootaafi misoomawwan gurguddoo naannawa sanatti adeemsifamaa jiruun dhiibbaa hamaa keessa waan jiraniif Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa, Inistitiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoo, Gadaa Tuulamaafi dameen UNESCO kunuunsa hambaalee killiyaan akka eeggamuuf qorannoon kun ni’akeeka.
 

Article Details

Section

Articles

Author Biographies

Adaanaa Addunyaa, Yuuniversiitii Bulee Horaatti Barsiisaa Afaan Oromoofi Ogbarruufi Yuunivarsiitii Addis Ababaatti Kaadhimamaa PhD

Yuuniversiitii Bulee Horaatti Barsiisaa Afaan Oromoofi Ogbarruufi Yuunivarsiitii Addis Ababaatti Kaadhimamaa PhD

Xilahuun Taliilaa , Yuunivarsiitii Addis Ababaatti Damee Barnoota Afaan Oromoo, Ogbarruufi Fookloorii

Yuunivarsiitii Addis Ababaatti Damee Barnoota Afaan Oromoo, Ogbarruufi Fookloorii

Dastaa Dassaalenyi , Yuunivarsiitii Addis Ababaatti Damee Barnoota Afaan Oromoo, Ogbarruufi Fookloorii

Yuunivarsiitii Addis Ababaatti Damee Barnoota Afaan Oromoo, Ogbarruufi Fookloorii

How to Cite

Ardaalee Jilaa Gadaa: Hariiroo Ardaalee Jilaafi Seerota Gadaa Tuulamaa. (2026). Gadaa Journal, 9(1), 91-109. https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/6882

References

Most read articles by the same author(s)