Xiinxala Hiika Fakkoommii Meeshaa Aadaa Nagaa Buusuu Keessatti: Sirna Gumaa Namaa Baasuu Maccaa, Torban Kuttaayee

Main Article Content

Eebbaa Goobanaa
Filee Jaallataa
Zalaalam Tafarraa

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa xiinxala hiika fakkoommii meeshaa aadaa sirna gumaa namaa baasuu Oromoo Maccaa, Torban Kuttaayeerratti kan xiyyeeffatedha. Qorattoonni kaayyoo kana galmaan ga’uuf saxaxa akkamtaatti fayyadaman. Malleen funaansa ragaa daawwannaa, af-gaaffiifi marii gareetin ragaan walitti qabame. Akka ragaaleen mirkaneessanitti, meeshaa aadaa sirna kana irratti tajaajilan kanneen mukarraa, sibiilarraa, biqiltootarraa tolfaman yookiin akkuma jiranitti qabatamuun sirna sanarratti kan dhiyaatan turan. Abbootiin Gadaa bokkuu qabatanii, kallacha addatti godhatanii ba’u. Bokkuun faloo sirni sun araara buusuuf qabutti fakkeeffama. Kallachi meeshaa ulfoofi qulqullummaati. Kunis Waaqa qulqulluurraa waan kennameef, warri namni jalaa du’e, bokkuu dura dhaabbatanii araara hindidan. Beerri Cifireefi Beerri Kalaalee siinqee qabatanii, caaccuufi callee godhatanii ba’u. Siinqeen meeshaa ulfoo aangoo dubartootaa ibsu kan isaan qabatanii waraana jidduu seenuun nagaa ittiin buusaniidha. Kanaaf, sirna gumaa keessattis fakkoommii araaraati. Caaccuun meeshaa ulfoo hormaatatti fakkeeffamuudha. Kanaaf, yakki ajjeechaa itti fufee dhaloonni akka lafarraa hinbadneef, warri miidhame meeshaa kana safeeffatanii araara akka godhaniif ittiin kadhatama. Kan biraa calleen, fakkoommii hormaata namaafi beeyladaa waan ta’eef nagaan bu’ee hormaanni akka itti fufuuf ittiin kadhatama. Hirphannaa keessatti, caancalaan harka hidhachuun hawaasa irraa ugguramuufi cubbamaa ta’uutti fakkeeffama.Kan biraa, dubarrii duudaan, daa’imniifi buqqee duudaan tuttuqaarraa walaba waan ta’aniif qulqullummaatti fakkeeffamu. Warri miidhame isaan kana ilaalanii akka cubbuuttii isaan qulqulleessaniif ittiin kadhatu. Kan biraa dhiiga.Dhiigni fakkoommii furee lubbuu kan bakka dhiiga lafatti bu’ee sana akka aarsaatti dhihaatedha. Kanaaf dhiigni fakkoommii jireenyaa/lubbuuti. Sababa kanaaf, sirna araaraa aslii kan gumaa lubbuu namaa baasuu qofa osoo hintaane, miidhama qaqqabe fayyisuun hawaasa ijaaru kana kunuunsuun itti fufiinsa akka argatutti, seera mana murtii mootummaan wal-ta’uun hojjechuun babaachisaadha.
 

Article Details

Section

Articles

Author Biographies

Eebbaa Goobanaa, Yuunivarsiitii Addis Ababaa, Koolleejjii Namoomaa, Inistiitiyuutii Qo‘annoo Afaaniifi Gaazexeessummaafi Quunnamtii, Kaadhimamaa PhD,

Yuunivarsiitii Addis Ababaa, Koolleejjii Namoomaa, Inistiitiyuutii Qo‘annoo Afaaniifi Gaazexeessummaafi Quunnamtii,Kaadhimamaa PhD,

Filee Jaallataa, Yuunivarsiitii Addis Ababaa, Koolleejjii Namoomaatti, Inistiitiyuutii Qo‘annoo Afaaniifi Gaazexeessummaafi Quunnamtii

Yuunivarsiitii Addis Ababaa, Koolleejjii Namoomaatti, Inistiitiyuutii Qo‘annoo Afaaniifi Gaazexeessummaafi Quunnamtii

Zalaalam Tafarraa, Yuunivarsiitii Addis Ababaa, Instiitiyuutii Qo‘annoowwan Itiyoophiyaatti Hoogganaa Kutaa Qorannoo

Yuunivarsiitii Addis Ababaa, Instiitiyuutii Qo‘annoowwan Itiyoophiyaatti Hoogganaa Kutaa Qorannoo

How to Cite

Xiinxala Hiika Fakkoommii Meeshaa Aadaa Nagaa Buusuu Keessatti: Sirna Gumaa Namaa Baasuu Maccaa, Torban Kuttaayee. (2026). Gadaa Journal, 9(1), 110-130. https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/6884

References