Gahee Mammaaksa Oromoo Dandamannaa Guddisuu Keessatti: Magaalaa Naqamtee Xiyyeeffachuu
Main Article Content
Abstract
Kaayyoon qorannoo kanaa, haala garaagaraan rakkoolee namoota mudatan dandamachiisuuf mammaaksota Oromoo gorsaaf oolan qaaccessuudha. Saxaxni qorannichaa sanyaabsa sakatta’aati. Rag-himtoota afur mala akkayyoon filataman. Ragaaleen afgaaffii caaseffamaafi dookimantii sakatta’uun guurame, ijoo ijootti qoqqooduun qaacceffame. Argannoon ijoon mul’ate, namoonni rakkoolee garaagaraa dandamachuu akka danda’aniif tajaajila gorsaa mammaaksi kennu olaanaadha. Darbee, mammaaksi ilaalcha namootaa sirreessuu, qajeelaa taasisuu, tarkaanfii fudhachiisuu, qormaata simachuu, kufaatii irraa barachuu, deeggarsa yaadaa barbaaduu, yaada guddinaa qabaachuun dandeettii dandamannaa guddifachuu keessatti shoora olanaa akka qabu adda ba’e. Dandamannaa mammaaksonni dagaagsan: Jajjabinaaf hariiroo uummachuu, abdii kutuu irraa fagaachuu, abdii qabaachuu, jijjiirama fudhachuu, ofeeggachuu/ of to’achuu, gara galma dhugaatti tarkaanfachuufi tarkaanfii murteessaa fudhachuu akka ta’e bira ga’ame. Argannoon biroon, namoonni ammayyummaatti hirkatanii, gorsa mammaaksaan kennamu fudhachuu irratti rakkoon guddaan akka jiru adda ba’eera. Kanaaf, yaboon dhiyaate, Waajjirri Aadaafi Turizimii Oromiyaa hanga Aanaatti jiru,sekterri dargaggoofi daa’immanii, hawaasummaafi kanneen biroon, mammaaksaatti gargaaramanii namoota haala garaagaraa keessa jiran akka dandamachuu shakalan osoo irratti hojjetanii dhalootaaf fakkeenya ta’a. Darbee, karaa dhaabbilee garaagaraa leenjiiwwan gaggabaabaa osoo kennamee, namoonni dandamachuu horataa deemu. Akkasumas, qabiyyeen mammaaksaa sirna barnootaa keessatti bal’inaan osoo hammatamee ijoollonni ilaalcha ittiin rakkoolee dandamatan horataa akka guddatan taasisa.
Article Details
Section
Articles
How to Cite
Gahee Mammaaksa Oromoo Dandamannaa Guddisuu Keessatti: Magaalaa Naqamtee Xiyyeeffachuu. (2026). Gadaa Journal, 9(1), 131-153. https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/6885