Jijjiiramaafi Ittifufiinsa Sirna Fuudhaafi Heeruma Kaadhimannaa: Xiyyeeffannaa Oromoo Salaaleetiin

Main Article Content

Jaalataa Mootii
Xilahuun Taliilaa2 (PhD)-
Dastaa Amaaree

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa, jijjiiramaafi ittifufiinsa raawwii sirna fuudhaafi heeruma kaadhimannaa Oromoo Salaalee xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf, yaardimeen duudhaa kallattii fooklooriin, yaaxinaalee caasessa–faayideessummaafi dhimmoonni jijjiiramaafi itti fufiinsa aadaa (fuudhaa heerumaa) agarsiisan sakkatta’amanii jiru. Akaakuun qorannichaa sanyabsaa yoo ta’u, ragaan mala iddattoo kaayyeeffataafi darbaa dabarsaatiin waltajjiiwwan cidhaafi abboottan ragaa (kaadhimamtoota, maanguddoota, Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqeefi ogeeyyii aadaafi turiiziimii) irraa bara 2015-2017 ALI fudhatamee jira. Ragaa raawwii fuudhaa heermaa, daawwannaan, kan dur ture ammoo, af-gaaffiifi mariin gareen walitti qabamee jira. Ragaaleen argaman, mala akkamtaatiin qindaa’uun xiinxalamanii jiru. Haaluma kanaan, kallattii caasaan yoo ilaalamu, fuudhaafi heerumni kaadhimannaa bu’uura beekumsa xabboo sabichaan ture dhimmoota adda addaarraa kan ka’e caasaa guutuu (yeroo qophii, yeroo sirnaafi sirnaan boodaa) sonaalee isaanii wajjin hinqabu. Kanarraa kanka’e, caaseffamni bifa afurii jiraachuun mul’ateera. Isaan keessaa tokko, yeroo qophii (ilaallannaafi kaadhimmannaa), cidhaafi deebii kan qabu yoo ta’u, arfan hafan caasaa yeroo qophii hinqaban. Sadan, raawwii sina fuudhaa heerumaa (gaa’elaa) kan qaban yoo ta’u, lamaan isaanii hinqaban. Inni arfaffaan, akka sirnaattii deebii (integration) hinqabu. Jijjiramoota caasaa irratti mul’ate irraa kan ka’e, sonniwwan aadaa sadarkaa sanarra jiranis, wajjin dhabamaniiru yookiin haphatanii jiru. Raawwiin yeroo qophiifi guyyaa cidaa baay’inaan, taatee qofa osoo hintaane, ga’ee akka milki; milkaa’ina gaa’ela sanaatti hiikamu. Ammaan tanatti, caasaaleen sun caccabuuniifi walhidhata dhabuun, sonaaleen sun hanga maluuf akka hingeenye taasiseera. Waldiiggaan maatii baay’achuun, haphina sonawwan caasaaleen walqabatanii ta’u wanta maluuf, biirooleen hawaasummaa Oromiyaafi Aadaafi tuurizimii, akkasumas tumaaleen caffee Gadaa Tuulamaa, dhaabata bu’uura hawaas- diinagdeefi Gadaa kana deebisanii cimsuuf itti gaafatamummaa qabu. 

Article Details

Section

Articles

How to Cite

Jijjiiramaafi Ittifufiinsa Sirna Fuudhaafi Heeruma Kaadhimannaa: Xiyyeeffannaa Oromoo Salaaleetiin. (2026). Gadaa Journal, 9(1), 153-172. https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/6903

References