Ijaarsa Caasaalee Walaloo Sirboota Afaan Oromoo Filataman Keessatti

Main Article Content

Dheeressaa Faqqadaa
Ashannaafii Balaay
Waaqtolaa Waaqjiraa

Abstract

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa haala ijaarsa caasaalee walaloo sirboota Afaan Oromoo filatamanii keessatti argaman xiinxaluudha. Kaayyoon kana galmaan gahuuf mala qorannoo akkamtaatu hojiira oole. Qorannoon kuni gosa qorannoo ibsaa ta’ee, maddi ragaa qorannoo madda ragaa tokkoffaadha. Ragaaleen qorannichaa walaloo sirboota Eebbisaa Addunyaa mata-duree ‘Arrabaan, Geerarsa, cidha’ Jimaa Galataafi Hawwii ‘Gundoo Booree’ kan jedhaman irraa kan funaanamanidha. Ragaaleen afeewwan sirboota filataman irraa walitti kan qabamanidha. Malli iddattoo askeessatti dhimma itti bahame mala kaayyefataan kan argamanidha. Qorannichi yaaxina qorannoo caasaan bu’uureffatee adeemsifame. Bu’aan qorannichaa akka argisiisutti caaseffamni ijaarsa birsaga sarara tokko keessatti jiran irra caalaan birsaga (7/7, 8/8) kanneen qabanis nijiru. Dabalataanis, birsaga (7/8, 7/6) irraa walitti kan dhufaniidha. Kallattii biraan immoo buufata sararoota jidduutti immoo garaagarummaa birsaga tokkoo yookiin lamaa walcaaluun kan uumaman ta’uu bira gahameera. Walaloon sirboota Afaan Oromoo filataman kuni birsagoota sarara tokko keessaa baay’ina isaan irraa ijaaraman isheen xiqqoon birsaga (5/5) inni guddaan immoo birsaga (8/8) akka ijaaraman xiinxala kanaan bira gahameera. Caasaan ijaarsa sagalee deddeebii dubbifamaa sarara tokko keessatti jalqabaafi jidduutti kan argaman ta’uu bira gahameera. Buufata walaloo sirbaa Afaan Oromoo keessatti irra deddeebiin sagalee dubbifamaa jiran bakkaa dhaabbataafi sagalee walfakkaataan deddeebi’amuu akka hindandeenye qorannoo kanaan adda kan baheedha. Haalli ijaarsa caasaa walaloo sirbaa irraa ijaaramu inni biraan deddeebii jechoota waliif faallaa ta’aniin ijraamuu danda’uu isaaniiti. Kana malees, caasaan ijaarsa walaloo sirboota filatamanii kana keessatti himoota yaada hiika walfakkaataafi hiika tokko qaban irraa kan ijaaraman ta’uu adda kan baheedha. Kanumarraa ka’uun qorattootni biroon haala ijaarsa caasaalee walaloo sirboota Afaan Oromoo biroo qorachuun gumaacha akka taasisan dhaama.
 

Article Details

Section

Articles

How to Cite

Ijaarsa Caasaalee Walaloo Sirboota Afaan Oromoo Filataman Keessatti. (2026). Gadaa Journal, 9(1), 167-179. https://journals.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/6904

References

Most read articles by the same author(s)